-
Maarqos 14:32-36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Achiis gara bakka Getesemaanee jedhamu dhufan; innis barattoota isaatiin, “Ani yommuun kadhadhu isin asuma taaʼaa”+ jedhe. 33 Achiis Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee deeme;+ akka malee dhiphachuu fi jeeqamuus ni jalqabe. 34 Akkasumas, “Ani* hamma duʼaatti baayʼee gaddeera.+ Asuma turaatii dammaqaa eegaa”+ isaaniin jedhe. 35 Isaan irraa xinnoo gara fuulduraatti siqee lafatti gombifamee yoo dandaʼame saʼaatichi akka isa irraa darbu kadhachuu jalqabe. 36 “Aabbaa,*+ wanti hundi siif ni dandaʼama; xoofoo kana na irraa fageessi. Taʼus wanta ani barbaadu utuu hin taʼin, wanti ati barbaaddu haa taʼu”+ jedhe.
-
-
Luqaas 22:40Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
40 Bakka sana yommuu gaʼan, “Qorumsatti akka hin galle kadhachuu keessan itti fufaa”+ isaaniin jedhe.
-