-
Luqaas 22:67-71Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
67 “Ati Kiristoos yoo taate nutti himi”+ isaan jedhan. Inni garuu akkana isaaniin jedhe: “Utuman isinitti himee illee, isin matumaa hin amantan. 68 Kana malees, utuun isin gaafadhee iyyuu hin deebistan. 69 Haa taʼu malee, ammaa jalqabee Ilmi namaa+ mirga Waaqa isa humna qabeessa taʼe sanaa ni taaʼa.”+ 70 Yeroo kanatti hundi isaanii, “Maarree, ati Ilma Waaqayyoo tii?” jedhan. Innis, “Akkan taʼe isinumti iyyuu dubbachaa jirtu” isaaniin jedhe. 71 Isaanis, “Kana caalaa ragaa dabalataa maaliitu nu barbaachisa? Ofii keenyaa iyyuu afaan isaa irraa dhageenyeerra”+ jedhan.
-