13 “Anis mulʼata halkan natti dhufe sana ilaaluu koo ittan fufe; kunoo, ilma namaa+ kan fakkaatu tokko duumessa samii wajjin ni dhufe; innis gara Isa Bara Dheeraa Jiraate+ sanaatti akka seenu isaaf ni heyyamame; isaanis isa duratti isa dhiheessan.
51 Achiis, “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, samiin banamee maleekonni Waaqayyoo gara Ilma namaatti yommuu ol baʼanii fi gad buʼan+ ni argitu” isaan jedhe.