Faarfannaa 90:2 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 2 Gaaronni dhalachuu isaanii duraYookiin lafaa fi lafa oomisha kennitu uumuu*+ kee dura,Bara baraa hamma bara baraatti ati Waaqa dha.+ Daaniʼel 7:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+ Daaniʼel 7:22 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 22 kunis kan taʼe hamma Inni Bara Dheeraa+ Jiraate dhufuttii fi qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼaniif+ murteeffamutti, akkasumas hamma yeroon qulqulloonni mootummicha akka dhaalan isaaniif murtaaʼe gaʼutti dha.+ Anbaaqom 1:12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 12 Yaa Yihowaa, ati bara baraa kaasee jirta mitii?+ Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu.*+ Yaa Yihowaa, ati murtii raawwachiisuuf isaan muuddeetta;Yaa Qarsaa koo,+ ati adaba kennuuf isaan filateetta.+
2 Gaaronni dhalachuu isaanii duraYookiin lafaa fi lafa oomisha kennitu uumuu*+ kee dura,Bara baraa hamma bara baraatti ati Waaqa dha.+
9 “Anis hamma teessoowwan kaaʼamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate+ ni taaʼe.+ Uffanni isaa akkuma cabbii adii ture;+ rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa labooba ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaʼaa jiru turan.+
22 kunis kan taʼe hamma Inni Bara Dheeraa+ Jiraate dhufuttii fi qulqulloota kan Isa Hundumaa Gararraa taʼaniif+ murteeffamutti, akkasumas hamma yeroon qulqulloonni mootummicha akka dhaalan isaaniif murtaaʼe gaʼutti dha.+
12 Yaa Yihowaa, ati bara baraa kaasee jirta mitii?+ Yaa Waaqa koo, yaa Qulqulluu koo, ati hin duutu.*+ Yaa Yihowaa, ati murtii raawwachiisuuf isaan muuddeetta;Yaa Qarsaa koo,+ ati adaba kennuuf isaan filateetta.+