-
Mulʼata 5:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Isaan akkana jedhanii faarfannaa haaraa faarfatan:+ “Maraa kitaabaa sana fudhachuu fi chaappaawwan isaa banuun siif ni mala; sababiin isaas, ati qalamteetta, dhiiga keetiinis gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa namoota Waaqayyoof bittee+ 10 Waaqa keenyaaf moototaa*+ fi luboota akka taʼan isaan gootetta;+ isaan mootota taʼanii lafa irratti ni bulchu.”+
-
-
Mulʼata 20:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis teessoowwan nan arge, warri isaan irra taaʼanis akka murteessaniif aangoon isaaniif ni kenname. Eeyyee, lubbuu* warra Yesuusiif waan dhugaa baʼaniif, akkasumas waaʼee Waaqayyoo waan dubbataniif ajjeefamanii,* lubbuu warra bineensicha yookiin bifa fakkeenyaa isaa hin waaqeffannee, akkasumas mallattoo bineensichaa adda isaanii fi harka isaanii irratti hin fudhannee nan arge.+ Isaan gara jireenyaatti deebiʼanii mootota taʼanii Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan.+
-