LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 19:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, yeroo wanti hundi haareffamuu* fi Ilmi namaa teessoo isaa isa ulfina qabeessa taʼe irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutan teessoo 12 irra teessanii gosoota Israaʼel 12n irratti murteessitu.+

  • Mulʼata 20:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis teessoowwan nan arge, warri isaan irra taaʼanis akka murteessaniif aangoon isaaniif ni kenname. Eeyyee, lubbuu* warra Yesuusiif waan dhugaa baʼaniif, akkasumas waaʼee Waaqayyoo waan dubbataniif ajjeefamanii,* lubbuu warra bineensicha yookiin bifa fakkeenyaa isaa hin waaqeffannee, akkasumas mallattoo bineensichaa adda isaanii fi harka isaanii irratti hin fudhannee nan arge.+ Isaan gara jireenyaatti deebiʼanii mootota taʼanii Kiristoosii wajjin waggaa 1,000f bulchan.+

  • Mulʼata 20:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Warri duʼaa kaʼuu isa jalqabaa keessaa qooda qaban hundi gammadoo fi qulqulloota dha;+ duuti inni lammaffaan+ isaan irratti aangoo hin qabu;+ kanaa mannaa, isaan luboota+ Waaqayyoo fi luboota Kiristoos taʼu; mootota taʼaniis waggaa 1,000f isaa wajjin ni bulchu.+

  • Mulʼata 22:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kana booda halkan hin jiraatu;+ Waaqni keenya Yihowaan* ifa waan isaan irratti ibsuuf,+ ifni ibsaa yookiin ifni aduu isaan hin barbaachisu; isaan baraa hamma bara baraatti mootota taʼanii ni bulchu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi