LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 26:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Xoofoos fuudhee erga galateeffatee booda isaaniif kennee akkana jedhe: “Hundi keessan isa keessaa dhugaa;+ 28 kun dhiiga koo isa ‘dhiiga+ kakuu’+ taʼee fi namoota hedduudhaaf dhiifama cubbuu+ argamsiisuuf dhangalaʼu+ argisiisa.

  • 1 Qorontos 6:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 sababiin isaas, isin gatiidhaan bitamtaniittu.+ Kanaafuu, karaa hundumaatiin qaama keessaniin+ Waaqayyoof ulfina kennaa.+

  • Ibroota 9:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa+ qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina* bara baraa nuuf argamsiise.+

  • 1 Pheexiros 1:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Isin akkaataa jireenyaa keessan isa gatii hin qabne isa abbootiin keessan isinitti dabarsan* irraa bilisa kan baatan,*+ wantoota badaniin, jechuunis meetii yookiin warqiidhaan akka hin taane beektu. 19 Kanaa mannaa, bilisa kan baatan dhiiga Kiristoos+ isa gatii guddaa qabuun,+ jechuunis dhiiga hoolaa hirʼinaa fi mudaa hin qabneetiini.+

  • Mulʼata 14:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Isaan kun warra dubartootaan of hin xureessine dha; siruma iyyuu isaan qeerroo* dha.+ Isaan warra bakka Hoolichi dhaqu hundatti isa duukaa buʼani dha.+ Isaan warra Waaqayyoo fi Hoolichaaf firiiwwan jalqabaa akka taʼaniif,+ ilmaan namootaa keessaa bitamani dha;+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi