LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daaniʼel 7:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “‘Mootummaan, bulchiinsii fi guddinni mootummoota guutummaa samii jala jiranii namoota Isa Hundumaa Gararraa sanaaf qulqulloota taʼaniif ni kenname.+ Mootummaan isaanii mootummaa bara baraa ti;+ mootummoonni hundis isaan ni tajaajilu, akkasumas isaaniif ni ajajamu.’

  • Luqaas 12:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 “Isin tuuta+ xinnoo nana, Abbaan keessan Mootummicha isiniif kennuutti waan gammadeef hin sodaatinaa.+

  • 2 Ximotewos 2:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 jabaannee dhaabbachuu keenya yoo itti fufne, isaa wajjin mootota taanee ni bulchina;+ yoo isa ganne, innis nu gana;+

  • Ibroota 12:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kanaafuu, Mootummaa sochoʼuu hin dandeenye fudhachuuf akka jirru waan beeknuuf, gaarummaa guddaa isa karaa fudhatama qabuun, sodaa fi ulfina guddaadhaan tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessuu itti dandeenyu fudhachuu keenya itti haa fufnu.

  • Yaaqoob 2:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yaa obboloota koo jaallatamo, mee dhaggeeffadhaa. Waaqayyo amantiidhaan sooressota akka taʼanii+ fi Mootummaa isa inni warra isa jaallataniif waadaa gale+ akka dhaalaniif, namoota akka ilaalcha addunyaatti hiyyeeyyii taʼan hin filannee?

  • Mulʼata 1:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 eeyyee, isa Waaqa isaa fi Abbaa isaatiif moototaa*+ fi luboota+ akka taanu godhe sanaaf ulfinnii fi jabinni bara baraaf haa taʼu. Ameen.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi