-
Yohaannis 18:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti Simoon Pheexiros achi dhaabbatee ibidda qaqqaammata ture. Isaanis, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” isaan jedhan. Innis “Miti”+ jedhee gane. 26 Garboota luba ol aanaa sana keessaa tokko, inni fira namicha Pheexiros gurra isaa irraa kute+ sanaa taʼe, “Ani iddoo biqiltuu sana keessatti isaa wajjin si hin arginee?” jedhe. 27 Pheexiros garuu ammas ni gane; yeruma sanas kormaan indaaqqoo ni iyye.+
-