-
Maarqos 15:42, 43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Guyyaa Qophii, jechuunis jala bultii Sanbataa waan taʼeef, guyyicha keessaa gara galgalaatti 43 namni biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi miseensa beekamaa Mana Marii Yihudootaa taʼe ni dhufe; namichi kun Mootummaa Waaqayyoo eeggata ture. Inni ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+
-
-
Luqaas 23:50-53Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
50 Kunoo, namichi miseensa Mana Marii Yihudootaa taʼee fi Yoseef jedhamu tokko jira ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture.+ 51 (Namichi kun haxxummaa fi gocha isaaniitti waan walii hin galleef isaan hin deggerre.) Inni nama magaalaa Yihudaa ishii Armaatiyaa jedhamtu keessaa dhufee fi Mootummaa Waaqayyoo eeggatu ture. 52 Namichi kun Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate. 53 Inni reefficha buusee+ uffata quncee talbaa baʼeessa taʼeen kafane; achiis awwaala* kattaa keessatti qopheeffamee+ fi namni itti awwaalamee hin beekne keessa kaaʼe.
-