-
Maatewos 27:57-60Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
57 Gara galgalaas namichi sooressi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi barataa Yesuus ture tokko ni dhufe.+ 58 Innis Philaaxos bira dhaqee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+ Philaaxosis akka isaaf kennamu+ ajaje. 59 Yoseefis reefficha fuudhee uffata quncee talbaa baʼeessaa fi qulqulluu taʼeen kafanee,+ 60 awwaala* haaraa isa ofii isaatiif kattaa keessatti qopheesse keessa kaaʼe.+ Achiis dhagaa guddaa tokko gara afaan awwaalichaatti* gangalchee erga cufee booda bakka sanaa deeme.
-
-
Maarqos 15:43-46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 namni biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi miseensa beekamaa Mana Marii Yihudootaa taʼe ni dhufe; namichi kun Mootummaa Waaqayyoo eeggata ture. Inni ija jabinaan Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+ 44 Philaaxos garuu inni duʼuu isaa mirkaneeffachuu waan barbaadeef, ajajaa dhibbaa sana ofitti waamee Yesuus kan duʼe taʼuu isaa isa gaafate. 45 Ajajaa dhibbaa sana irraa erga mirkaneeffatee boodas, reeffa isaa akka fudhatu Yoseefiif heyyame. 46 Innis uffata quncee talbaa baʼeessa bitee, reeffa isaa erga mukicha irraa buusee booda, uffatichaan kafanee awwaala* kattaa keessatti qophaaʼe tokko keessa kaaʼe;+ achiis dhagaa tokko gara afaan awwaalichaatti gangalche.+
-