LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 21:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Namni tokko cubbuu duʼa itti murteessisu raawwatee yoo ajjeefame,+ atis muka irratti yoo isa fanniste,+ 23 reeffi isaa halkan guutuu muka irra turuu hin qabu.+ Kanaa mannaa, guyyuma sanatti isa awwaali; namni fannifamu Waaqayyo biratti akka waan abaaramaatti waan ilaalamuuf,+ biyya kee isa Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu hin xureessin.+

  • Maatewos 27:57, 58
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 57 Gara galgalaas namichi sooressi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi barataa Yesuus ture tokko ni dhufe.+ 58 Innis Philaaxos bira dhaqee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.+ Philaaxosis akka isaaf kennamu+ ajaje.

  • Luqaas 23:50-52
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 50 Kunoo, namichi miseensa Mana Marii Yihudootaa taʼee fi Yoseef jedhamu tokko jira ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture.+ 51 (Namichi kun haxxummaa fi gocha isaaniitti waan walii hin galleef isaan hin deggerre.) Inni nama magaalaa Yihudaa ishii Armaatiyaa jedhamtu keessaa dhufee fi Mootummaa Waaqayyoo eeggatu ture. 52 Namichi kun Philaaxos duratti dhihaatee reeffi Yesuus akka isaaf kennamu gaafate.

  • Yohaannis 19:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Sana booda namichi biyya Armaatiyaa Yoseef jedhamuu fi Yihudoota waan sodaateef+ dhoksaatti barataa Yesuus ture tokko, Philaaxos reeffa Yesuus akka isaaf kennu gaafate; Philaaxosis isaaf heyyame. Innis dhufee reeffa sana fudhate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi