-
Maatewos 8:30-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Xinnoo isaan irraa fagaatee, hoomaan booyyee tokko ni dheeda ture.+ 31 Jinniiwwan sunis, “Kan nu baastu yoo taʼe, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii isa kadhachuu jalqaban.+ 32 Innis, “Dhaqaa!” isaaniin jedhe. Isaanis baʼanii booyyota sanatti seenan; yeroo kanatti guutummaan hoomaa booyyee sanaa qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii dhuman. 33 Tiksitoonni sun garuu baqatanii gara magaalattii dhaquudhaan wanta namoota jinniidhaan qabaman sana irratti taʼe dabalatee wanta hundumaa odeessan.
-
-
Luqaas 8:32-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Yeroo kanatti hoomaan booyyee+ tokko gaara irra dheedu turan; hafuuronni hamoon sunis, gara booyyota sanaatti akka seenan akka isaaniif heyyamu isa kadhatan; innis isaaniif heyyame.+ 33 Jinniiwwan sunis namicha keessaa baʼanii booyyota sanatti seenan; booyyonni sunis qarqara hallayyaa irraa didichanii haroo sana keessa lixanii liqimfaman. 34 Tiksitoonni isaanii garuu wanta taʼe kana yommuu argan, baqatanii deemanii magaalaa fi baadiyyaatti waaʼee kanaa odeessan.
-