LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 8:30-34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Xinnoo isaan irraa fagaatee, hoomaan booyyee tokko ni dheeda ture.+ 31 Jinniiwwan sunis, “Kan nu baastu yoo taʼe, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi” jedhanii isa kadhachuu jalqaban.+ 32 Innis, “Dhaqaa!” isaaniin jedhe. Isaanis baʼanii booyyota sanatti seenan; yeroo kanatti guutummaan hoomaa booyyee sanaa qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii dhuman. 33 Tiksitoonni sun garuu baqatanii gara magaalattii dhaquudhaan wanta namoota jinniidhaan qabaman sana irratti taʼe dabalatee wanta hundumaa odeessan. 34 Yeroo kanatti namoonni magaalattii hundi Yesuusiin argachuuf baʼan; yommuu isa arganis biyya isaanii gadhiisee akka deemu cimsanii isa kadhatan.+

  • Maarqos 5:11-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yeroo kanatti hoomaan booyyee+ tokko gaara irra ni dheeda ture.+ 12 Kanaafuu hafuuronni sun, “Booyyota sanatti akka galluuf gara isaanitti nu ergi” jedhanii isa kadhatan. 13 Innis isaaniif heyyame. Hafuuronni xuraaʼoon kunis baʼanii booyyota sanatti seenan; booyyonni gara 2,000 taʼanis qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii liqimfaman. 14 Tiksitoonni isaanii garuu baqatanii deemanii magaalaa fi baadiyyaatti waaʼee kanaa waan odeessaniif, namoonni wanta taʼe kana ilaaluu dhufan.+ 15 Gara Yesuus yommuu dhufanis, namichi duraan jinniidhaan, jechuunis leegewooniin qabamee ture sun uffata uffatee, sammuun isaa fayyee taaʼuu isaa waan arganiif baayʼee sodaatan. 16 Namoonni kana arganis, wanta namicha jinniidhaan qabamee fi wanta booyyota sanaa wajjin haala wal qabateen raawwatame isaanitti himan. 17 Kanaafuu, isaan Yesuus naannoo isaanii gadhiisee akka deemu isa kadhachuu jalqaban.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi