-
2 Mootota 4:42-44Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 Namichi Baʼaal Shaalishaadhaa+ dhufe tokkos, daabboo garbuu+ firii isa jalqabaatiin tolfame 20 fi midhaan haaraa qalqalloo tokko nama Waaqa dhugaa sanaaf ni fide.+ Achiis Eelsaaʼiin, “Akka nyaataniif namoota sanaaf kenni” isaan jedhe. 43 Tajaajilaan isaa garuu, “Akkamittan kana namoota 100 duratti dhiheessa?”+ jedhe. Yeroo kanatti Eelsaaʼiin, “Akka nyaataniif namoota sanaaf kenni; sababiin isaas Yihowaan, ‘Isaan ni nyaatu, muraasnis isaan irraa ni hafa’+ jedheera” isaan jedhe. 44 Innis isaan duratti ni dhiheesse; akkuma Yihowaan dubbatettis isaan ni nyaatan, muraasnis isaan irraa ni hafe.+
-
-
Maatewos 15:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Barattoonni isaa garuu, “Iddoo namni hin jirre kanaa nyaata namoota hedduu kana quubsu eessaa arganna?”+ isaan jedhan.
-