-
Maatewos 14:24-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yeroo kanatti bidiruun sun qarqara galaanaa irraa baayʼee* fagaattee kan turte yeroo taʼu, bubbeen gara isaaniitti waan bubbisuuf dambaliin galaanaa baayʼee isaan rakkisa ture. 25 Haa taʼu malee halkan keessaa kutaa isa arfaffaatti* Yesuus galaanicha irra deemaa gara isaanii dhufe. 26 Barattoonni isaas utuu inni galaana irra deemuu arganii baayʼee waan naʼaniif, “Kun ekeraa dha!” jedhanii sodaadhaan iyyan. 27 Yesuus garuu yeruma sana, “Jabaadhaa! Ana dha, hin sodaatinaa”+ isaaniin jedhe. 28 Pheexirosis deebisee, “Yaa Gooftaa, si dha yoo taʼe, bishaan irra deemee gara kee akkan dhufu na ajaji” isaan jedhe. 29 Yesuusis, “Kottu!” jedhe. Kanaafuu, Pheexiros bidiricha irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuusitti qajeele. 30 Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu ni sodaate. Yommuu liqimfamuu jalqabus, “Yaa Gooftaa, na oolchi!” jedhee iyye. 31 Yesuusis yeruma sana harka isaa hiixatee isa qabee, “Namicha amantii xinnoo qabdu nana, maaliif shakkite?”+ isaan jedhe. 32 Bidiruu sana erga yaabbatanii booda, obomboleettiin sun ni dhaabbate. 33 Achiis warri bidiruu sana irra turan, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii isaaf sagadan.
-
-
Yohaannis 6:16-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yommuu dhihus barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;+ 17 achiis bidiruu yaabbatanii galaana gama gara Qifirnaahomitti ceʼuuf deemuu jalqaban. Yeroo kanatti dukkanaaʼee kan ture taʼus, Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.+ 18 Kana malees, bubbee jabaan bubbisaa waan tureef galaanichi ni jeeqama ture.+ 19 Haa taʼu malee, akkuma gara kiilomeetira shanii yookiin jaʼaa* deemaniin, Yesuus galaana irra deemaa gara bidiruu sanaatti utuu dhihaatuu arganii baayʼee sodaatan. 20 Inni garuu, “Ana dha, hin sodaatinaa!”+ isaaniin jedhe. 21 Achiis gammachuudhaan bidiruu sanatti ol isa fudhatan; bidiruun sunis yeruma sana bakka dhaqaa turan gaʼe.+
-