-
Maatewos 4:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Bakka sanaa yeroo deemus, obbolaa lamaan, jechuunis Yaaqoob ilma Zabdewosii fi obboleessa isaa Yohaannisiin+ arge. Isaan abbaa isaanii Zabdewosii wajjin bidiruu keessa taaʼanii saaphana isaanii suphaa turan; innis isaan waame.+ 22 Isaanis yeruma sana bidiruu sanaa fi abbaa isaanii dhiisanii isa duukaa buʼan.
-