-
Maatewos 15:22-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yeroo kanatti dubartiin biyya Fiinqee* tokko dhuftee, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa naa laafi. Intalli too jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti” jettee iyyite.+ 23 Inni garuu deebii tokko illee ishiidhaaf hin kennine. Kanaafuu, barattoonni isaa dhufanii, “Dubartiin tun nu duukaa buutee iyyaa waan jirtuuf, ishii geggeessi” isaan jedhan. 24 Innis deebisee, “Ani kanan ergame hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif+ malee eenyuuf iyyuu miti” jedhe. 25 Dubartiin sun garuu gara isaa dhuftee miila isaatti kuftee,* “Yaa Gooftaa, na gargaari” jette. 26 Innis deebisee, “Daabboo ijoollee fuudhanii buchulloota jala buusuun sirrii miti” jedhe. 27 Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, garuu buchulloonni iyyuu isa maaddii gooftaa isaanii irraa harcaʼe ni nyaatu”+ jette. 28 Yeroo kanatti Yesuus, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha; akkuma fedhii kee siif haa taʼu” jedhee ishiidhaaf deebise. Intalli ishiis saʼaatii sanaa jalqabee ni fayyite.
-