-
Maarqos 7:25-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeruma sana dubartiin intalli ishii hafuura xuraaʼaadhaan qabamte tokko waaʼee isaa dhageessee dhuftee miila isaatti kufte.+ 26 Dubartittiin nama Giriikii yommuu taatu, Fiinqee ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatti turte; ishiinis intala ishii keessaa jinnii akka baasu irra deddeebitee isa kadhatte. 27 Inni garuu, “Jalqaba ijoolleen haa quufan; sababiin isaas, daabboo ijoollee fuudhanii buchulloota jala buusuun sirrii miti”+ ishiidhaan jedhe. 28 Ishiin garuu deebistee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, garuu buchulloonni iyyuu, isa maaddii ijoollee jalatti harcaʼe ni nyaatu” isaan jette. 29 Innis yeroo kanatti, “Ati kana waan dubbatteef, dhaqi, jinniin sun intala tee keessaa baʼeera”+ ishiidhaan jedhe. 30 Kanaafuu, ishiin gara mana ishii dhaqxee intalli ishii utuu siree irra ciistuu argite; jinniin sunis ishii keessaa baʼee ture.+
-