-
Maatewos 15:32-38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Haa taʼu malee, Yesuus barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Namoonni kun guyyaa sadii guutuu anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda.+ Dadhabanii karaa irratti akka hin kukkufneef, hagabuu isaanii isaan geggeessuu hin barbaadu.”+ 33 Barattoonni isaa garuu, “Iddoo namni hin jirre kanaa nyaata namoota hedduu kana quubsu eessaa arganna?”+ isaan jedhan. 34 Yeroo kanatti Yesuus, “Daabboo meeqa qabdu?” isaaniin jedhe. Isaanis, “Daabboo torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa” jedhan. 35 Innis namoonni sun lafa irra akka tataaʼan ajaje; 36 achiis daabboo torbaa fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booda, caccabsee barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas namoota sanaaf kennan.+ 37 Hundi isaanii nyaatanii quufan; achiis hambaa irraa hafe guuboo guguddaa torba guutuu walitti qaban.+ 38 Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota 4,000 turan.
-