LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 9:36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 36 Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde;+ sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti+ cunqurfamanii fi dagatamanii* turan.

  • Maatewos 15:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Haa taʼu malee, Yesuus barattoota isaa ofitti waamee akkana isaaniin jedhe: “Namoonni kun guyyaa sadii guutuu anaa wajjin turaniiru; wanta nyaatan waan hin qabneef ani isaaniif nan gadda.+ Dadhabanii karaa irratti akka hin kukkufneef, hagabuu isaanii isaan geggeessuu hin barbaadu.”+

  • Maarqos 1:41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 41 Yesuusis baayʼee isaaf gaddee, harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe.

  • Maarqos 6:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Yeroo bidiruu irraa buʼus, namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde;+ sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabnee turan.+ Wanta hedduus isaan barsiisuu jalqabe.+

  • Luqaas 7:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Gooftaanis yommuu ishii argu baayʼee ishiidhaaf gaddee,+ “Hin booʼin” ishiidhaan jedhe.+

  • Ibroota 2:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu, inni wantoota Waaqayyoo wajjin wal qabatan hundumaa irratti luba ol aanaa gara laafessaa fi amanamaa taʼuudhaan, aarsaa araaraa+ cubbuu namootaatiif+ dhiifama argamsiisu dhiheessuuf, gama hundumaatiin “obboloota” isaa fakkaachuun+ isa barbaachiseera.

  • Ibroota 5:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Innis dadhabina mataa isaa waan qabuuf, warra wallaalota taʼanii fi warra dogoggoran* gara laafinaan* qabuu dandaʼa;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi