-
Maatewos 16:5-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Barattoonni isaas gamatti ceʼan; yeroo kanatti daabboo qabachuu irraanfatanii turan.+ 6 Yesuusis, “Of eeggadhaa, raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eegaa”+ isaaniin jedhe. 7 Isaan immoo, “Nuti daabboo hin qabanne” jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban. 8 Yesuusis kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Isin yaa warra amantii xinnoo qabdan nana, daabboo hin qabanne jettanii kan walitti dudubbattan maaliifi? 9 Amma iyyuu yaada isaa hin hubannee? Daabboo shanan sana namoonni 5,000 yommuu nyaatan, guuboo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?+ 10 Yookiin daabboo torban sana namoonni 4,000 yommuu nyaatan, guuboo guguddaa meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?+ 11 Ani waaʼee daabboo isinitti dubbachaa akkan hin jirre akkamitti hin hubattan? Egaa raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eegaa.”+ 12 Yeroo kanatti raacitii daabboo irraa utuu hin taʼin, barumsa Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa akka of eegan isaanitti dubbachaa akka jiru hubatan.
-