LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 8:13-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Sana booda isaan dhiisee ammas bidiruu yaabbatee galaanicha gamatti ceʼe.

      14 Haa taʼu malee, barattoonni daabboo qabachuu waan irraanfataniif, daabboo tokkittii malee bidiruu sana keessaa homaa hin qaban turan.+ 15 Yesuusis, “Of eeggadhaa; raacitii Fariisotaa fi raacitii Heroodis irraa of eegaa”+ jedhee ifatti isaan akeekkachiise. 16 Kanaafuu, isaan daabboo utuu hin qabatin hafuu isaanii ilaalchisee wal falmuu jalqaban. 17 Innis kana hubatee akkana isaaniin jedhe: “Daabboo utuu hin qabatin hafuu keessan ilaalchisee maaliif wal falmitu? Wantin isinitti himaa jiru isiniif hin gallee? Isin ammas hin hubannee? Garaan keessan amma iyyuu hubachuu hin dandeenyee? 18 ‘Utuu ija qabdanii hin argitanii? Utuu gurra qabdanii hin dhageessanii?’ Hin yaadattanii ree? 19 Yommuu ani daabboo shan+ dhiirota 5,000f caccabsetti hambaa irraa hafe guuboo meeqa guutuu sassaabdan?” Isaanis, “Kudha lama”+ isaan jedhan. 20 “Yommuun daabboo torba dhiirota 4,000f caccabsetti hoo hambaa irraa hafe guuboo guguddaa guutuu meeqa sassaabdan?” Isaanis, “Torba”+ isaan jedhan. 21 Achiis inni, “Maarree isin amma iyyuu hin hubannee?” isaaniin jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi