-
Maatewos 17:14-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yommuu gara namoota hedduu+ sanaa dhufanis, namichi tokko gara isaa dhufee isa duratti jilbeenfatee akkana isaan jedhe: 15 “Yaa Gooftaa, ilma kootiif garaa laafi; inni gaggabdoodhaan qabamee dhukkubsachaa jira. Yeroo baayʼee ibidda keessatti kufa; yeroo baayʼees bishaan keessatti kufa.+ 16 Gara barattoota keetti isa fideen ture; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.” 17 Yesuusis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabnee fi micciiramaa+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Mucicha as natti fidaa” jedhe.
-
-
Luqaas 9:38-42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Yeroo kanatti namoota hedduu sana gidduudhaa namichi tokko sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Barsiisaa, ilma koo akka naaf ilaaltu sin kadhadha; inni ilma koo isa tokkicha dha.+ 39 Ilaa, hafuurri tokko yommuu isa qabatu inni akkuma tasaa iyya; hafuurichis isa kuffisee erga dhidhiittachiisee booda afaan isaatiin hoomacha baasa; erga isa miidhee booda illee salphaatti isa hin gadhiisu. 40 Barattoonni kee akka isa baasan kadhadheen ture; isaan garuu hin dandeenye.” 41 Yesuusis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabnee fi micciiramaa+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Ilma kee as fidi”+ jedhe. 42 Taʼus mucichi utuma gara isaa dhufaa jiruu, jinniin sun lafatti isa kuffisee akka malee isa dhidhiittachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifatee mucicha erga fayyisee booda abbaa isaatiif deebisee isa kenne.
-