-
Maarqos 9:19-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Innis deebisee, “Dhaloota amantii hin qabne+ nana, hanga yoomiittan isinii wajjin tura? Hanga yoomiittanis isiniif obsa? Mucicha as natti fidaa”+ isaaniin jedhe. 20 Kanaafuu, mucicha isatti fidan; hafuurichi garuu akkuma isa argeen mucicha kuffisee dhidhiittachiise. Mucichis lafa irratti erga kufee booda, hoomacha afaanii baasaa gangalate. 21 Achiis Yesuus, “Erga akkas taʼuu jalqabee hammam taʼeera?” jedhee abbaa mucichaa gaafate. Innis akkana jedhe: “Ijoollummaa isaatii jalqabee ti; 22 isa ajjeesuuf yeroo baayʼee ibidda keessatti, akkasumas bishaan keessatti isa kuffisa. Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate garuu garaa nuu laafiitii nu gargaari.” 23 Yesuusis, “‘Wanti gochuu dandeessu yoo jiraate’ jettee? Nama amantii qabuuf wanti hundi ni dandaʼama”+ isaan jedhe. 24 Abbaan mucichaas yeruma sana, “Nan amana! Amantii koo akkan cimsadhu na gargaari!”+ jedhee iyye.
25 Yesuus namoonni hedduun fiigaa gara isaanii dhufaa akka jiran yommuu argu hafuura xuraaʼaa sana, “Hafuura arraba namaa hiituu fi gurra namaa duuchitu nana, ani sin ajaja, isa keessaa baʼi, deebitees akka isatti hin galle!”+ jedhee ifate. 26 Hafuurichi erga iyyee fi baayʼee erga isa dhidhiittachiisee booda isa keessaa baʼe; mucichis waan duʼe fakkaate; kanaafuu, namoota sana keessaa hedduun isaanii “Inni duʼeera!” jedhan. 27 Yesuus garuu harka isaa qabee ol isa kaase; mucichis kaʼee dhaabbate.
-