LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 22:42-45
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” Isaanis, “Ilma Daawiti”+ isaan jedhan. 43 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee+ Gooftaa jedhee isa waama? 44 Inni akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedheera.’ 45 Maarree Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, inni akkamitti ilma isaa taʼa?”+

  • Luqaas 20:41-44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 41 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Namoonni akkamitti Kiristoosiin ilma Daawit jedhu?+ 42 Daawit kitaaba Faarfannaa keessatti akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee ejjeta miila keetii hamman siif godhutti 43 mirga koo taaʼi”+ jedheera.’ 44 Kanaafuu, Daawit Gooftaa jedhee isa waameera; maarree, inni akkamitti ilma isaa taʼa?”

  • Yohaannis 7:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Kitaabonni Qulqulluun Kiristoos sanyii Daawit+ keessaa, akkasumas Beetaliheem+ ganda Daawitii+ akka dhufu dubbatu mitii?”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi