-
Maatewos 9:3-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokko, “Namni kun Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii yaadan. 4 Yesuusis yaada isaanii hubatee akkana jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wanta hamaa yaaddu?+ 5 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata?+ 6 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi!”+ jedhe. 7 Namichis kaʼee gara mana isaa deeme. 8 Namoonni hedduun sunis wanta kana yommuu argan, baayʼee sodaatanii Waaqa isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.
-
-
Luqaas 5:21-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa* fi Fariisonni, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ jedhanii yaaduu jalqaban. 22 Yesuus garuu yaada isaanii hubatee akkana jedhee isaaniif deebise: “Wanti garaa keessanitti yaaddan maali dha? 23 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata? 24 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Ani siin nan jedha, kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi”+ jedhe. 25 Namichis isaanuma duratti kaʼee dhaabbate; siree isaa baatees Waaqayyoof ulfina kennaa gara mana isaa deeme. 26 Yeroo kanatti namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban; baayʼee sodaataniis, “Harʼa wantoota dinqisiisoo taʼan argine!” jedhan.
-