-
Maatewos 27:27-31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Achiis loltoonni bulchaa sanaa Yesuusiin fuudhanii gara mana bulchaa sanaatti geessan; sana booda loltoota hunda naannoo isaatti walitti qaban.+ 28 Uffata isaa irraa baasaniis uffata diimaa itti uwwisan;+ 29 qoree irraa gonfoo dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan; harka isaa mirgaatiinis ulee shomboqqoo isa qabsiisan. Isa duratti jilbeenfataniis, “Yaa Mootii Yihudootaa, nagaan siif haa taʼu!” jedhanii itti qoosan. 30 Achiis itti tufan;+ akkasumas ulee shomboqqoo sana fuudhanii mataa isaa rukutuu jalqaban. 31 Dhuma irrattis erga itti qoosanii booda, uffaticha irraa baasanii uffata isaa isa inni irraan uffatu deebisanii itti uwwisuudhaan muka irratti akka fannifamuuf+ fuudhanii deeman.
-