-
Maatewos 27:46-49Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
46 Gara saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eelii, Eelii, laamaa saabaaqtaanii?” jedhee iyye; hiikni isaas, “Yaa Waaqa koo, yaa Waaqa koo, maaliif na dhiiste?”+ jechuu dha. 47 Warra achi dhaabbatan keessaa tokko tokko yommuu kana dhagaʼan, “Namichi kun Eeliyaasiin waammachaa jira”+ jedhan. 48 Isaan keessaa inni tokko yeruma sana fiigee ispoonjii fudhatee daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa erga cuuphee booda ulee shomboqqootti diree akka inni dhugu isaaf kenne.+ 49 Warri kaan garuu, “Dhiisi! Mee Eeliyaas dhufee akka isa oolchu ilaalla” jedhan.
-