LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 13:3-9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan+ wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe: “Kunoo, namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe.+ 4 Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼan; simbirroonnis dhufanii isaan funaannatan.+ 5 Kaan immoo lafa dhagaa taʼee fi biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan; biyyoon sun gad fageenya waan hin qabneef dafanii biqilan.+ 6 Haa taʼu malee, hidda waan hin qabneef, yeroo aduun baatu waxalamanii gogan. 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen sunis guddatee isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼanii firii godhachuu jalqaban; inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhate.+ 9 Namni gurra qabu haa dhagaʼu.”+

  • Luqaas 8:5-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe. Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼanii dhidhiitaman; simbirroonni samiis isaan funaannatan.+ 6 Tokko tokko immoo dhagaa irra buʼan; jiidhina waan hin qabneefis erga biqilanii booda ni gogan.+ 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen isaanii wajjin guddate sunis isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼan; erga biqilanii boodas firii dachaa 100 godhatan.”+ Wantoota kana erga dubbatee booda sagalee isaa ol kaasee, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi