LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 9:2-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yeroo kanatti isaan nama lamshaaʼee siree irra ciise tokko gara isaatti fidan. Yesuus amantii namoota kanaa ilaalee, namicha lamshaaʼe sanaan, “Jabaadhu ilma koo! Cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 3 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokko, “Namni kun Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii yaadan. 4 Yesuusis yaada isaanii hubatee akkana jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wanta hamaa yaaddu?+ 5 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata?+ 6 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi!”+ jedhe. 7 Namichis kaʼee gara mana isaa deeme. 8 Namoonni hedduun sunis wanta kana yommuu argan, baayʼee sodaatanii Waaqa isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi