-
Maarqos 2:3-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Jarri tokkos namicha lamshaaʼaa namoota afuriin baatame gara isaatti fidan.+ 4 Taʼus, isaan baayʼina namootaatiin kan kaʼe gara Yesuusitti isa dhiheessuu hin dandeenye; kanaafuu, Yesuus gubbaadhaan baaxii manichaa diiganii siree namichi lamshaaʼe sun irra ciise gad buusan. 5 Yesuus amantii isaanii yommuu argu,+ namicha lamshaaʼe sanaan, “Ilma koo, cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 6 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa achi turan tokko tokko taaʼanii garaa isaaniitti akkana jedhanii yaadu turan:+ 7 “Namni kun maaliif akkana jedha? Inni Waaqayyoon arrabsaa jira. Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ 8 Yesuus garuu yeruma sana isaan garaa isaaniitti kana yaadaa akka jiran hafuura isaatiin waan hubateef akkana isaaniin jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wantoota akkanaa yaaddu?+ 9 Namicha lamshaaʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii siree kee baadhuu deemi’ jechuutu salphata? 10 Haa taʼu malee, Ilmi namaa+ lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa+ akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan akkana jedhe: 11 “Ani siin nan jedha, kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi!” 12 Namichis yeruma sana kaʼee siree isaa baatee hundi isaanii utuu isa ilaalanii baʼee deeme. Kanaafuu, namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii, “Nuti matumaa wanta akkanaa arginee hin beeknu”+ jedhanii Waaqayyoof ulfina kennan.
-
-
Luqaas 5:18-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yeroo kanatti namoonni namicha lamshaaʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaan namicha ol galchanii Yesuus duratti dhiheessuuf yaalii godhan.+ 19 Haa taʼu malee, baayʼina namootaatiin kan kaʼe manatti isa galchuu waan dadhabaniif, baaxii manichaa irra yaabbatanii xuubii isaa irraa kaasan; achiis akkuma namichi siricha irra ciisetti warra Yesuus fuuldura jiran gidduutti gad isa buusan. 20 Yesuusis amantii isaanii yommuu argu, “Namicha nana, cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe. 21 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa* fi Fariisonni, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuudhaaf dhiifama gochuu dandaʼa?”+ jedhanii yaaduu jalqaban. 22 Yesuus garuu yaada isaanii hubatee akkana jedhee isaaniif deebise: “Wanti garaa keessanitti yaaddan maali dha? 23 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata? 24 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Ani siin nan jedha, kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi”+ jedhe. 25 Namichis isaanuma duratti kaʼee dhaabbate; siree isaa baatees Waaqayyoof ulfina kennaa gara mana isaa deeme. 26 Yeroo kanatti namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban; baayʼee sodaataniis, “Harʼa wantoota dinqisiisoo taʼan argine!” jedhan.
-