16 “Isin garuu wantoota kana waan argitanii fi waan dhageessaniif gammadoo dha.+ 17 Dhuguman isiniin jedha, raajonnii fi namoonni qajeeloo taʼan hedduun wantoota isin argaa jirtan kana arguuf kan hawwan taʼus hin argine;+ wantoota isin dhagaʼaa jirtan kana dhagaʼuuf kan hawwan taʼus hin dhageenye.