-
Maatewos 12:24-30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼan, “Namni kun bulchaa jinniiwwanii Biʼeelzebuliin* yoo taʼe malee, jinniiwwan hin baasu”+ jedhan. 25 Yesuusis yaada isaanii kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada; magaalaan yookiin manni wal qoqqoodu hundis jabaatee hin dhaabbatu. 26 Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni Seexana kan baasu yoo taʼe, wal qoqqoodeera jechuu dha; maarree mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabbataa? 27 Kana malees, ani jinniiwwan kanan baasu Biʼeelzebuliin yoo taʼe, ilmaan* keessan hoo humna eenyuutiin isaan baasu? Isaan kan isinitti murteessan kanaafi. 28 Ani jinniiwwan kanan baasu hafuura Waaqayyootiin yoo taʼe garuu, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera jechuu dha.+ 29 Yookiin namni tokko, nama humna guddaa qabu tokko jalqaba utuu hin hidhin akkamitti mana isaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Mana isaa saamuu kan dandaʼu akkana yoo godhe qofa dha. 30 Namni na cinaa hin dhaabbanne hundi na morma; namni anaa wajjin walitti hin qabne hundi ni bittinneessa.+
-
-
Maarqos 3:22-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Barsiisonni seeraa Yerusaalemii dhufanis, “Biʼeelzebultu* isa keessa jira; inni jinniiwwan kan baasu bulchaa jinniiwwaniitiini”+ jedhu turan. 23 Kanaafuu, erga ofitti isaan waamee booda akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa? 24 Mootummaan tokko yoo wal qoqqoode, mootummaan sun jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu;+ 25 manni tokkos yoo wal qoqqoode, manni sun jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu. 26 Seexannis of irratti kaʼee yoo of qoqqoode, ni bada malee jabaatee dhaabbachuu hin dandaʼu. 27 Eenyu iyyuu nama humna guddaa qabu tokko jalqaba utuu hin hidhin mana isaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Mana isaa saamuu kan dandaʼu akkana yoo godhe qofa dha.
-