-
Maatewos 9:34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Fariisonni garuu, “Inni jinniiwwan kan baasu, gargaarsa bulchaa jinniiwwaniitiini” jedhu turan.+
-
-
Maatewos 12:24-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Fariisonni garuu yommuu kana dhagaʼan, “Namni kun bulchaa jinniiwwanii Biʼeelzebuliin* yoo taʼe malee, jinniiwwan hin baasu”+ jedhan. 25 Yesuusis yaada isaanii kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundi ni bada; magaalaan yookiin manni wal qoqqoodu hundis jabaatee hin dhaabbatu. 26 Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni Seexana kan baasu yoo taʼe, wal qoqqoodeera jechuu dha; maarree mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabbataa? 27 Kana malees, ani jinniiwwan kanan baasu Biʼeelzebuliin yoo taʼe, ilmaan* keessan hoo humna eenyuutiin isaan baasu? Isaan kan isinitti murteessan kanaafi. 28 Ani jinniiwwan kanan baasu hafuura Waaqayyootiin yoo taʼe garuu, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera jechuu dha.+ 29 Yookiin namni tokko, nama humna guddaa qabu tokko jalqaba utuu hin hidhin akkamitti mana isaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Mana isaa saamuu kan dandaʼu akkana yoo godhe qofa dha.
-