-
Maatewos 12:43-45Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 “Hafuurri xuraaʼaan nama tokko keessaa yommuu baʼu, bakka boqotu barbaacha lafa bishaan hin qabne keessa joora; garuu iddoo boqotu hin argatu.+ 44 Achiis, ‘Gara mana koo isan keessaa baʼetti nan deebiʼa’ jedha; yommuu deebiʼee dhufus manichi duwwaa, haramee kan qulqullaaʼee fi miidhagaa taʼee argata. 45 Sana booda, dhaqee hafuurota isa caalaa hamoo taʼan kan biroo torba fudhatee dhufa, isaanis itti galanii achi jiraatu; haalli namicha sanaa inni gara boodaa isa duraa caalaa hammaata.+ Dhaloota hamaa kana irras waanuma akkanaatu gaʼa.”
-