-
Maatewos 13:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Ammas akkana jedhee fakkeenya kan biraa isaanitti hime: “Mootummaan samii firii sanaaficaa namni tokko fuudhee maasii isaa keessa dhaabee wajjin wal fakkaata.+ 32 Firiin sanaaficaa sanyii hunda keessaa xinnoo yoo taʼe iyyuu, yeroo guddatu garuu kuduraawwan hunda caalee muka waan taʼuuf, simbirroonni samii dhufanii damee isaa irra buufatu.”
-
-
Maarqos 4:30-32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Itti fufees akkana jedhe: “Mootummaa Waaqayyoo maalii wajjin wal fakkeessuu dandeenya? Yookiin fakkeenya maaliitiin ibsuu dandeenya? 31 Firii sanaaficaa yeroo lafa irratti facaafamu sanyii lafa irratti argamu hunda keessaa xinnoo taʼee wajjin wal fakkaata.+ 32 Erga facaafamee booda garuu, guddatee kuduraawwan hunda caalee dameewwan guguddaa waan godhatuuf, simbirroonni samii dhufanii gaaddisa isaa jala buufatu.”
-