-
Uumama 22:15-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Ammas maleekaan Yihowaa yeroo lammataatiif samii keessaa Abrahaamiin waamee, 16 akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani ofiin nan kakadha,+ ati kana waan gooteef, ilma kee isa tokkichas waan na hin dhowwanneef,+ 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18 Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+
-
-
Faarfannaa 105:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Inni kakuu isaa bara baraaf,
Waadaa gales* dhaloota kumaaf ni yaadata;+
9 Inni kakuu Abrahaamii wajjin gale,+
Kakaa Yisihaaqiif kakates ni yaadata;+
-
Miikiyaas 7:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Ati akkuma bara duriitti abbootii keenyaaf kakattetti,+
Yaaqoobitti amanamummaa,
Abrahaamittis jaalala amanamaa ni argisiista.
-
-
-