-
2 Mootota 17:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-
-
Ibroota 11:36, 37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
36 Eeyyee, warri kaan immoo itti qoosamuu fi garafamuudhaan, darbees funcaadhaan hidhamuu+ fi mana hidhaa galuudhaan+ qoramaniiru. 37 Dhagaadhaan tumamaniiru,+ qoramaniiru, magaaziidhaan iddoo lamatti baqaqfamaniiru, goraadeedhaan gorraʼamaniiru,+ gogaa hoolaa fi gogaa reʼee uffatanii jooraniiru,+ wanta isaan barbaachisu dhabaniiru, rakkataniiru,+ akkasumas dhiphataniiru;+
-