2 Guyyaan Yihowaa+ akkuma hattuun halkaniin dhufutti+ akka dhufu isinumti iyyuu akka gaariitti beektu. 3 Yeroo isaan, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhan, yeroo sanatti akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabu, badiisni tasaa yeruma sana isaan irra gaʼa;+ isaan matumaa jalaa hin miliqan.