LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 26:47-50
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 47 Utuma inni dubbachaa jiruus, kunoo, Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe; namoonni dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabichaa biraa ergaman hedduun goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin turan.+

      48 Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; isa qabaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. 49 Achiis kallattiidhaan gara Yesuus dhaqee, “Rabbii, nagaan siif haa taʼu!” jedhee isa dhungate. 50 Yesuus garuu, “Yaa michuu koo, kaayyoo maaliitiif dhufte?”+ isaan jedhe. Yeroo kanatti namoonni sun dhufanii Yesuusiin qabanii toʼannaa jala isa galchan.

  • Maarqos 14:43-46
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 43 Yeruma sana utuma inni dubbachaa jiruu, Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe; namoonni dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergaman hedduunis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin turan.+ 44 Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii eegumsa cimaadhaan isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. 45 Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, “Rabbii!” jedhee isa dhungate. 46 Isaanis qabanii toʼannaa jala isa galchan.

  • Yohaannis 18:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yesuus barattoota isaa wajjin yeroo baayʼee achitti waan wal arguuf, Yihudaan inni dabarsee isa kennus iddoo kana beeka ture. 3 Kanaafuu, Yihudaan garee loltootaa fi eegdota mana qulqullummaa dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee dhufe; isaan guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi