-
Maatewos 26:47-51Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Utuma inni dubbachaa jiruus, kunoo, Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe; namoonni dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabichaa biraa ergaman hedduun goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin turan.+
48 Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; isa qabaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. 49 Achiis kallattiidhaan gara Yesuus dhaqee, “Rabbii, nagaan siif haa taʼu!” jedhee isa dhungate. 50 Yesuus garuu, “Yaa michuu koo, kaayyoo maaliitiif dhufte?”+ isaan jedhe. Yeroo kanatti namoonni sun dhufanii Yesuusiin qabanii toʼannaa jala isa galchan. 51 Warra Yesuusii wajjin turan keessaa tokko garuu goraadee isaa luqqifatee gurra garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+
-
-
Luqaas 22:47-51Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, namichi Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe namoota hedduu fidee dhufe; achiis inni Yesuusiin dhungachuuf isatti siqe.+ 48 Yesuus garuu, “Yaa Yihudaa, Ilma namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” isaan jedhe. 49 Namoonni isa bira turanis wanta taʼuuf jedhu yommuu argan, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?” jedhan. 50 Isaan keessaa tokko gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ 51 Yesuus garuu, “Dhiisi” jedhe. Namichas gurra isaa qaqqabee fayyise.
-