-
Maarqos 14:43-47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
43 Yeruma sana utuma inni dubbachaa jiruu, Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe; namoonni dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergaman hedduunis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin turan.+ 44 Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii eegumsa cimaadhaan isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. 45 Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, “Rabbii!” jedhee isa dhungate. 46 Isaanis qabanii toʼannaa jala isa galchan. 47 Haa taʼu malee, warra achi dhaabbatan keessaa tokko goraadee isaa luqqifatee gurra garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+
-
-
Luqaas 22:47-51Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo, namichi Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe namoota hedduu fidee dhufe; achiis inni Yesuusiin dhungachuuf isatti siqe.+ 48 Yesuus garuu, “Yaa Yihudaa, Ilma namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” isaan jedhe. 49 Namoonni isa bira turanis wanta taʼuuf jedhu yommuu argan, “Yaa Gooftaa, goraadeedhaan isaan rukunnuu?” jedhan. 50 Isaan keessaa tokko gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ 51 Yesuus garuu, “Dhiisi” jedhe. Namichas gurra isaa qaqqabee fayyise.
-