-
Maatewos 27:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Muka irratti erga isa fannisanii boodas, carraa buufatanii uffatawwan isaa warra inni irratti uffatu hiratan;+
-
-
Maarqos 15:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Muka irratti erga isa fannisanii boodas, eenyu isa kam akka fudhatu murteessuuf carraa buufatanii uffatawwan isaa warra inni irratti uffatu hiratan.+
-
-
Yohaannis 19:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kanaafuu isaan, “Kottaa, uffata kana hin tarsaasnu, eenyuuf akka kennamu murteessuuf carraa haa buufannu”+ waliin jedhan. Kunis kan taʼe, wanti Kitaabonni Qulqulluun, “Uffata koo ni hihiratan, huccuu koo irrattis carraa ni buufatan”+ jedhan akka raawwatamuufi. Wanti loltoonni godhanis kanuma ture.
-