-
Maatewos 28:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Maleekaan sun garuu dubartoota sanaan akkana jedhe: “Hin sodaatinaa, Yesuus isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa akka jirtan ani beeka.+ 6 Inni akkuma jedhee ture duʼaa waan kaafameef amma as hin jiru.+ Kottaa, bakka reeffi isaa kaaʼamee ture ilaalaa. 7 Egaa dafaa dhaqaatii, ‘Inni duʼaa kaʼeera, isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa;+ isin achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaatti himaa. Wantan isinitti hime hin irraanfatinaa.”+
-
-
Maarqos 16:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yommuu gara awwaalichaatti seenanis dargaggeessa uffata adii uffatee karaa mirgaa taaʼe tokko arganii baayʼee naʼan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Hin naʼinaa.+ Isin Yesuus nama Naazireet isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa jirtu. Inni duʼaa kaafameera.+ Amma as hin jiru. Kunoo, bakka isaan reeffa isaa kaaʼanii turan ilaalaa.+ 7 Haa taʼu malee dhaqaatii, ‘Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa.+ Akkuma isinitti himee tures achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaa fi Pheexirositti himaa.”+
-