Maatewos 8:13 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 13 Sana booda Yesuus ajajaa dhibbaa sanaan, “Dhaqi. Akkuma amantii keetii siif haa taʼu”+ jedhe. Tajaajilaan sunis saʼaatii sanatti ni fayye.+ Maarqos 7:29, 30 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 29 Innis yeroo kanatti, “Ati kana waan dubbatteef, dhaqi, jinniin sun intala tee keessaa baʼeera”+ ishiidhaan jedhe. 30 Kanaafuu, ishiin gara mana ishii dhaqxee intalli ishii utuu siree irra ciistuu argite; jinniin sunis ishii keessaa baʼee ture.+
13 Sana booda Yesuus ajajaa dhibbaa sanaan, “Dhaqi. Akkuma amantii keetii siif haa taʼu”+ jedhe. Tajaajilaan sunis saʼaatii sanatti ni fayye.+
29 Innis yeroo kanatti, “Ati kana waan dubbatteef, dhaqi, jinniin sun intala tee keessaa baʼeera”+ ishiidhaan jedhe. 30 Kanaafuu, ishiin gara mana ishii dhaqxee intalli ishii utuu siree irra ciistuu argite; jinniin sunis ishii keessaa baʼee ture.+