10 “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura fudhatama argachuu fi hafuura wawwaannaa nan dhangalaasa; isaanis gara isa waraanan sanaa ni ilaalu;+ akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti isaaf ni booʼu; akkuma ilma angafaatiif gaddanittis baayʼee isaaf ni gaddu.
7 Kunoo, inni duumessaa wajjin ni dhufa,+ ijji hundinuu isa ni arga, warri isa waraananis isa ni argu; gosoonni lafa irraa hundinuu sababii isaatiin gaddaan qoma isaanii ni rurrukutu.+ Eeyyee, Ameen.