7 Inni ni cunqurfame,+ miidhaan akka irra gaʼus ni heyyame,+
Taʼus, afaan isaa hin saaqqanne.
Inni akkuma hoolaatti qalmaaf ni geeffame;+
Akkuma hoolaa goromtii warra rifeensa ishii muran duratti calluma jettuus ni taʼe;
Afaan isaas hin saaqqanne.+
8 Murtii sirrii hin taaneen ni fudhatame;
Hidda dhalootaa isaa tokko tokkoon beekuuf xiyyeeffannaa kan kennu eenyu?
Sababiin isaas, inni biyya warra jiraatoo keessaa balleeffameera;+
Yakka saba kootiitiin kan kaʼes garafameera.+