11 ‘Guyyaa sanatti ani daasii Daawit isa jige ol nan kaasa,+
Baqaqaa isaa nan supha,
Diiggaa isaas nan haaressa;
Akkuma isa bara duriitti deebisee nan ijaara,+
12 Kunis, isaan isa Edoom irraa hafee+ fi
Saboota maqaan koo itti waamame hundumaa akka dhaalaniifi’ jedha Yihowaan inni wanta kana raawwatu.