-
Isaayyaas 11:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Isaan karaa dhihaatiin irraan gadeewwan* Filisxeemotaa irratti saffisaan gad ni buʼu;
Waliin taʼaniis saba gara Bahaa ni saamu.
-
-
Obaadiyaa 18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Manni Yaaqoob ibidda,
Manni Yoseef labooba,
Manni Esaawu immoo akka galabaa ni taʼa;
Isaan gubanii isaan ni fixu,
Mana Esaawu keessaas kan oolu hin jiraatu,+
Sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera.
19 Isaan Negeebii fi naannoo gaarotaa Esaawu,
Shefelaa fi biyya Filisxeemotaa ni dhaalu.+
Isaan lafa Efreemii fi lafa Samaariyaa ni dhaalu,+
Biiniyaamis Giiliyaadiin ni dhaala.
-